lundi 26 septembre 2011

Seenaa gabaabaa barataa seyfu woliyi

Duraan dursee nagaan koo kan oromummaa qilleensa irraan bakka jirtan hundatti isin haa qaqqabu kabajamtoota,jaalatamtoota fii sabboontota ilmaan oromoo hunda keessan ergan nagaa koo kan oromummaa isinitti dhaammadhee booddee waantin jechuu barbaadu asiin gaditti kan argamu seenaa barata seyfu woliyiti.

Akkuma beekamutti yeroo ammaa kana haala biyya oromiyaa keessa jiru ilmaan oromoo hundi keessan kan beektan yennaa ta'u keessumatti barattootni oromoo badii tokko malee biyya abbaa isaanii irratti mirga abbaa biyyummaa dhabuu fii hidhaa,ajjeechaa fii biyyaa baasuu irratti kan xiyyeeffatte wayaanen haalli kun yeroo ammaa kanas ittii fufee jira.

Barataa seyfu woliyi barataa university yommuu ta'u yeroo ammaa kana biyya irraa baqatee biyyota ollaa ethiopia kan ta'an keessaa biyya tokko keessatti argama.barataan kun barumsa isaa irraa qabamee waggota dheeraa erga mana adabaa keessa turee booddee yeroo boodaa of eeggannoo cimaa itti kennameen akka biyya keessa jiraatuf danqaa kan itti ta'e lubbuu isaa baraaruf biyya irraa baqatee yeroo ammaa biyya ormaa keessatti akka argamu odeeffannoo arganne irraa hubachuun danda'amee jira.

Barataa seyfun mana barumsa sadarkaa 1ffaa keessa gaafa tures oromummaa isaatif falmachaa kan turee fii sana booddes gabrummaa ummata oromoo irra jiruu fii kan irra ture akka malee yaaddoo itti ta'uu fii gabrummaa kanaaf qabsoon barbaachisaadha kan jedhu sammuu isaa keessatti yeroo dheeraf gaafii atattamaa kan itti ta'e yommuu ta'u university itti barachaa ture keessatti qabsoo bilisummaa oromoo miseensummaadhan hojjachaa kan ture ta'uu isaas ragaa qabatamaa arganne irraa hubachuun danda'ameera.haaluma kanaan barataan kun badii tokko malee oromummaa isaa falmachuun sirri miti kan jettu wayyaanee fii jalee wayyaanee kan ta'an lammiin isaanii oromoo kan ta'een yakkamee mana hidhaa wayyaanee keessa waggoota dheeraa turuudhan miidhaleen adda addaas akka irratti raawwachaa turanis warri isa beekuu fii warri wajjin mana adabaa keessa turan ragaa bahanii jiru.

yeroo ammaa kana akkuma beekamutti diina ilmaan oromoo kan ta'an warra lammiin isaanii oromoo ta'ee seenan isaanii arkaa bade fii oromummaa isaanitti warri hin amanne diina fira godhachuudhan diina ammoo fira godhachuudhan ilmaan oromoo irratti warri shira guddaa hojjachaa jiranwarra boruuf hin yaadne kan dantaa mataa isaanii ammuma bakkaan gahachuu barbaadan hundi ilmaan oromoo sabboontota ta'an irratti shira cimaa xaxaa akka jiranis beekamaadha.

Egaa barataa seyfu woliyi suuraa isaa fii naannoo dhaloota isaa akkasumatti yeroo ammaa kanas eessa akka jiru kan beekamu yennaa ta'u nageenya/security/isaa eeguf suuraa isaa fii bakka inni itti barachaa tures ta'ee bakka inni amma jiru ibsuun gaarii waan hin taanef jecha as irratti maxxansuun barbaachisaa waan hin taanef dhiifnee jirra.

Haaluma kanaan wal qabatee barattootni akka barataa kanaa baayyeen isaanii biyya irraa baqatanii biyyota ollaa keessatti kan argaman yommuu ta'u yeroo ammaa kanas baqatnee biyya namaa keessa jirra jedhanii harka maratanii taa'aa akka hin jirree fii qabsoo isaanii bakka jiranitti itti fufaa akka jiranis odeeffannoon kun itti dabalee mirkaneessera.

Maayyii irratti barataa seyfu fii warra isa fakkaatan biyya namaa keessa jiraachaa jiraniif falli jiru maal ta'uu akka qabu sabboontotni oromoo akka irratti hirmaatanii yaada isaanii kennaniif dhimma barataa kanaa fii kan warra isa fakkaatanii kana maxxansuun dirqama oromummaa waan ta'eef jecha maxxansinee jirra.kanaaf yaada kana irratti yaada kennuuf karaa E-mail dhuunfaa akka nuuf barreessitan kabajaan isin gaafanna.
gaafii fii yaada qabdan karaa teessoo keenya asiin gadii kanaan nuuf barreessaa nuuf bilbilaa.
hawi123@hotmail.com
bkiilolee@yahoo.com
oromiyaa11@gmail.com
lakkoofsa bilbililaa  00 33 629 20 80 03
www.kiilolee-birraa.com
www.Bakkalcha-bilisummaa.blogspot.com
karaa kana hundaan nu qunnamuu dandeessu.
            Gadaan gadaa bilisummaati !! 

vendredi 10 juin 2011

Wallisaa Oromoo Jaamboo Jootee fii wallistoota oromoo :-